(Madda Oduu ABO/MOA/ Adoolessa 7,2008) Barattootni Oromoo Yunversiitii Haroo-Maayaa mooraa sadanuu Hararii, Haroo-Maayaa fi Dirre-dhawaa irraa walitti dhufanii haala ummata Oromoo fi QBO irratti marii bal'aa godhatan.
Barattootni bara barmootaa baranaa gudunfan walitti dhufanii marii geggeessuun ibsa ejjennoo baafataniin, hidhaa, ajjechaa fi biyyaa ariisaa sirni wayyaanee ummata Oromoo irraan ga'u balaaleffatan.
Murtii hidhaa bara dheeraa barattoota Oromoo irratti sirnichi dabarses akkaan mormaniiru. Walitti bu'iinsa mootummaan wayyaanee Oromoo fi sabaa fi sab-lammoota kaan gidduutti dhalchee Oromoo ittiin fixaa jirus cimsanii balaaleffatan.
Dhuma irratti barattootni Oromoo Yunversitii Haro-Maayaa QBO ABOn hoogganamuu fi WBO jabeessuuf of kenniinsaan kan hojjetan ta'uu beeksisan.
********
Barataan Oromoo Abdulaxiif Haaji Mohammad je'amu Kollejjii Barsiisota Harar keessaa humnoota tikaa wayyaanee ukkaamfame.
(Madda Oduu ABO/MOA/ Adoolessa 7,2008) Akka gabaasaa maddeen keenyaatti barataa Abdulaxiif Haaji Mohaammad halkan mana jireenya isaa keessa humnoota tikaa wayyaaneen butamee fudhatame.
Ukkaamfamuun barataa kanaa torbaan lama hoggaa tahu, haga ammatti eessa akka geeffame wanni beekkame hin jiru. Barataan kun kan hidhameef bulchiinsi Hararii barattoonni Oromoo bara kana asitti hin eebbifaman waan jedheef gocha kana mormuu isaa qofaafi.
Sirni wayyaanee barattoota Oromoo hidhuu, ukkaamsuu fi ajjeesuu hojii dhaabbatee godhatee jira.
*********
Ergamtichi wayyaanee Gammee Abdurahamaan je'amu dubree Oromoo fayyaa hin qabne irratti gocha hammeenyaa raawwate.
(Madda Oduu ABO/MOA/ Adoolessa 7,2008)Ergamaan kun intala sammuun fayyaa hin qabne sobdee maraatte, ati basaastuu ABO ti ittiin jechuun Burqaa irraa qabee gara Baddannoo geessuun mana dhugaatitti ajajaan milishaa Ona Qarsaa Xulaahuun je'amu akka gudeedu taasisee jira.
Shamarreen tun erga gochaan kun irratti raawwatamees gara mana hidhaa Harar geeffamuu isii odeessi kun dabalee addeessa.
Kun kanaan osoo jiruu Ona Baddannoo mana barumsa Ballaa Iyyaa keessatti, basaasaa wayyaanee barattootaa fi barsiisota Oromoo yeroo dheeraaf rakkisaa ture Zubeeyri je'amu irratti tarkaanfiin fudhatameera.
Lukkeen wayyaanee kun tumamuudhaan Hospitaala Harar seenus du'aa fi jireenya jidduutti akka argamu maddeen gabaasan.
*********
Yalii ergamtoonni wayyaanee OPDOn Godina Harargee Bahaa Ona Gurawwaa keessatti barattoota Oromoo miseensa isaanii taasifachuuf godhan harkatti fashale.
(Madda Oduu ABO/MOA/ Adoolessa 7,2008) Godina Harargee Bahaa Ona Gurawwaa mana barumsa sadarkaa 2ffaa keessatti dabballoonni jalee wayyaanee OPDOn barattootni miseensota isaanii akka tahaniif yaaliin godhan bu'aa malee hafe.
Gootowwan barattoota Oromoo naannichaa walgahii teessan irratti hin argamnu jechuun jibbiinsa OPDOf qaban mul'isuu isaanii oduun nu gahe ifa godha.
Diddaa barattootaa kanatti kan aare ergamtichi wayyaanee dura taa'aa mana barumsichaa tahe Abdallaa je'amu abdii kutannaa irraa barattoota doorsisuu irratti argama.
Ergamaan kun barattoota qormaata biyyoolessaa fudhataniin xalayaan teessan isin duraa qabamti jechuun doorisuuf yaalus itti hin milkooyne. Kana malees barumsa irraa guutummatti ari'atamtu jechuun doorsisuu irratti argama.
**********
Godina Hararge Bahaa Onoota gara garaa keessatti beelli ummata fixaa akka jiru gabaafame.
(Madda Oduu ABO/MOA/ Adoolessa 7,2008)Oduun nu dhaqqabe akka ifa godhutti, Godina Harargee Bahaa Ona Gurawwaa magaalaa Doogu jedhamtu keessatti qofa namoonni 10 balaa beelaa mudateen dhumataniiru.
Gama biroon Onoota akka Burqaa, Mayyu, Fadisii fi Baabbile keessaa ummanni balaa beelaa uumame jalaa godaanaa jiraachuu maddeen naannoo ni ibsu.
*********
Sab-boontonni Oromoo maadhelee adda addaa jalatti ijaaraman QBO ABOn hogganamuu jalatti ciminaan qabsoo kan finiinsan tahuu addeessan.
(Madda Oduu ABO/MOA/ Adoolessa 7,2008)Sabboontonni Oromoo maadhelee maadheelee Caayaa Bakanniisaa, Urjii Oromoo, Saarmalee Caayaa Odaa Oromoo, Haawwan Shanan Lagaa, Gaaddisa Lagaa, Raasaa Lagaa, Haa walii galchinu, Bayaan Garoo, Daandii Sirrii, Caayaa Bonaa, Hubachiis Sabaa fi Mancaasaa Diinaa lakk.1--12 jalatti ijaaraman walitti dhufuun QBO ABOn durfamu irratti mari'ataniiru.
Miseensonni Maadhelee kanneenii ibsa ejjennoo qabxiilee adda addaa of keessaa qabu baafataniin, olola dhraa mootummaan wayyaanee ABO irratti oofaa jirtu balaaleffataniiru. Itti fufuunis, mootummaan wayyaanee shira xaxuudhaan lammiilee oromoo walii isaanii fi ummatoota ollaa waliin walitti buusuudhaan dhaqqabsiiseef gaafatama jalaa hin bahu jedhan.
Dhumaa irraattis mirga ummata Oromoo guutummaatti kabajchiisuun dhaaba keenya ABO cinaa hiriirree QBO ni finiinsina jedhan.
|